Muddama Giddugala Bahaan dorgommiin Sa'udiirraa baafame
Dorgommiin marsaa xumuraa Shaampiyoonaa Konkolaataa Addunyaa jalqaba Sa'udi Arabiyaatti gaggeeffamuuf yaadamee ture gara Xaaliyaanitti geeffame.
Silaa Sa'udi Arabiyaan dorgommii xumuraa shaampiyoonaa kanaa baatii Sadaasa keessa qopheessiti jedhamee ture.
Sa'udiin sagantaa kana ''qopheessuuf qophii'' taatus haala naannicha keessa adeemaa jirurraa kan ka'e murtaa'uu dhaabbanni ispoortii motoraa hoogganu, FIA, beeksiseera.
Torbanoota muraasa darban haleellaan hidhattoonni Huutii qarqara Galaana Diimaatti raawwatan cimeera.
Sa'udiin immoo waraana mootummaa Yaman deeggarti, lammiilee ishee gama daangaa Yaman jiranis akeekkachiisteetti.