Dawwannaa Pirezidaantiin Chaayinaa UStti taasisu jedhameef haala mijeessuuf ministiroonni dhimma alaa biyyoota lamaanii mariyatan
Pirezidaantiin Chaayinaa Shii Jiin Piing daawwannaa UStti taasisu jedhamee eegamuuf haala mijeessuuf ministiirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoofi gitisaanii Chaayinaa Waan Yii wal-arguun mariyachuusaanii Rooyotars gabaase.
Maarkoo Ruubiyoon yaa'ii Biyyoota Kibba Eeshiyaa ASEAN jedhamurratti kan hirmaatan yoo ta'u, wal-gahicha cinaatti, ministiira dhimma alaa Chaayinaa waliin wal-arguun dhimmoota biyyoota lamaan irratti waliin hojjachuu danda'aniifi waa'ee daawwaannaa Shii Jiin Piing USti ni taasisu jedhameerratti mariyachuusaanitu ibsame
USfi Chaayinaan garaa garummaa ijoo ta'e qabaatanis biyyoonni lamaanuu garaa garummaa kana dhiphisuufi to'achuuf wal-arguun mariyachuu ibsa Ruubiyoon.
"Gami lamaanuu gidduu garaa garummaa guddaatu jira. Biyyoonni lamaanuu kana ni fudhatu. Kanaratti hojjachuu itti fufna, garaa garummaan kunneen gara fuulduraattis waanuma itti fufaniidha," jechuun fedhii biyyaalessaa isaanii ittisuuf akka hojjatanis ibsan.
"Yeroo hunda fedhii biyyaalessaa ittisuuf hojjanna, Isaanis [Chaayinaanis] kanuma akka godhan nan hubadha. Garuummoo, wantoonni irratti waliin hojjachuu dandeenyu jiru," jedhan ibsa miidiyaaf kennaniin Maarkoo Ruubiyoo.
Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp Caamsaa darbe Chaayinaatti daawwannaa hojii taasisuunsaa ni yaadatama.
Pirezidaantiin Chaayinaa Shii Jiin Piingis dabareesaanii US akka daawwatantu eegama.