KALLATTIIN, Taphoota xumuraa Piriimer Liigii har'aa irratti maaltu eegama?

Taphoonni xumuraa Piriimer Liigii Ingilizii 2025-26 har'a gaggeeffamu. Hunduu sa'a wal fakkaataatti jalqabu.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Waancaa Addunyaaf buufanni taphattoota Iraan Meksiikootti jijjiirame

    Pirezidaantiin Federeeshinii Kubba Miilaa Iraan buufanno shaakala keenyaa Ameerikaa irraa gara Meksiikootti akka jijjiiramu FIFA'n murteesseera jedhe.

    Mehdi Taj gareen keenya magaalaa daangaa Meksiikoo fi US irra jirtu Tijuwaanaa buufata jedhan.

    Duraan gareen Iraan akka buufatan kan kennameefi Tuuksan, Arizoonaa keessa ture. Erga waraanni Ameerikaa fi Iraan jalqabee garuu akka jijjiiramuuf Iraan gaafataa turte.

    Dorgommicha Ameerikaa, Meksiikoo fi Kanaadaatu waliin tahuun qopheessa.

    Iraan ammoo Niw Ziilaand fi Beeljiyeem waliin Loos Anjelasitti, Masirii waliin ammoo Siyaatilitti akka taphatan karoorri baheera.

    Bakki jijjiiramuun FIFA'dhaan raggaasifamuu qaba. Garuu Iraan akka jettetti gaaffii dhiyeesineefi marii FIFA waliin taasifneen akka buufata taphattoota keenyaa jijjiiru nuu eeyyamameera jedhan.

  2. Taphoota xumuraa Piriimer Liigii Ingilizii har'aa irratti maaltu eegama?

    Taohattoota Iraan waancaa Addunyaaf qophaa'an

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Taohattoota Iraan waancaa Addunyaaf qophaa'an

    Arsenaal waggaa 22 booda waancaa Piriimer Liigii kaasa. Har'a dirree Kiristaal Paalaas, Sehurest Paark irratti gammachuu isaanii ibsatu. Waancaas fudhatu.

    Taphoonni kaan ammoo kamtu Awurooppaa Liigii gala kamtu ammoo Konfirensii Awurooppaaf darba kan jedhu murteessu.

    Arsenaal, maanchister Siitii fi Maanchister Yuunaayitid kallattumaan Shaampiyoonsi Liigiif darbuu warra mirkaneeffatanidha.

    Astoon Viilaanis waancaa Awurooppaa Liigii mo'achuu isaan darbeera.

    Garuu Aston Viilaan har'a mo'achuu fi mo'achuu dhiisuun kileboota lama moo tokkotu carraa Shaampiyoonsi Liigii dabalataa argata kan jedhu murteessa.

    Barnimooz, Biraayitan, Liiverpuul carraa qabu. Kun kan tahu yoo Maan Siitiin Astoon Viilaa mo'atee, Liiverpuul ammoo Bireentfoordiin mo'atedha.

    Yoo akkas tahe kileboonni Ingilizii jaha Shaampiyoonsi Liigiif darbu. Waliigalaan kileboota Ingiliziif kan eeyyamame kileboota shan ture.

    Astoon Viilaan waancaa Awurooppaa Liigii mo'achuu isaatu carraa kana bane.

    Barnimooz jahaffaan xumuruuf qabxii tokko argachuun isa gaha.

    Cheelsiin carraa Konfirensii Awurooppaa argachuu qaba. Yoo har'a Sanderlaandiin mo'ate qofaadha. Yoo kana hin taane Sanderlaandis carraa Konfirensii Awurooppaaf darbuu qaba.

  3. Ashamaa, Tamsaasa kallattii jalqabneerra

    Tamsaasni kallattii har'aa taphoota xumuraa Piriimer Liigii bara 2025-26 irratti hundaa'a.

    Nu waliin turaa.