Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Tiraampi kaabinoota haaraa muuduun Waayit Haawusiif of qopheessaa jiru

Filannoo Ameerikaa: Doonaaldi Tiraampi Filooriidaa iddoo mana jireenyaa isaanii irraa kaabinota haaraa muuda ajiru. Ministirri Dhimma Biyya Keessaa baqattoota seeraan alaa biyyaa baasa jedhan muudaniiru

Guduunfaa

  • Kaataar qooda jaarsummaa Israa'el fi Hamaas gidduu qabdu addaan kutte
  • Ji'a kana Raashiyaan baay'ee miidhamte - UK
  • Gaazaa keessatti kan du'e harki 70 dubartootaafi ijoolleedha - UN
  • Ameerikaan shira Iraaniin nama Tiraampiin ajjeesuuf ture himatte
  • Waayit Haawus akka hoggantuuf dubartiin Tiraamp muudan eenyu?
  • Tiraampi filannoo injifachuufi yaalii ajjeechaarraa oluusaaf 'goota' - Puutiin
  • Tamsaasa kallattii kanaan dura ture

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Seenaa jireenyaa Pirezidantii Ameerikaa Donaald Tiraamp suuraan

  2. Tiktokaroonni Yungaadaa maatii Pirezidant Museevenii arrabsan jedhaman hidhaman

    Lammileen Yugaandaa lama Yowerii Museevenii, haadha warraasaa Muhoozi Kaayinerugaba viidiyoo Tiktokiirratti arrabsan jedhamuun hiidhaman.

    Dargaggoonni ganna 21 Deevid Seengozii fi Ayizaa Seekagiri jedhaman mana murtiitti dhiyaataniiru.

    Dargaggoonni kun haasaa jibbaa fi odeeffannoo dharaa waa’ee maatii Pirezidanti Museevenii fi weellistoota paartii Yugaaandaa bulchaa jirutti hidhata qabanii tamsaasaniiru jedhamuun himataman.

    Dargaggoonni lamaan Wiixata mana murtiitti dhiyaatanii himannaa irratti dhiyaate haalaniiru.

    Dargaggoonni kunneen dargaggeessaa ganna 19 kanaan dura yakka walfakkaataan himatame Juuliyaas Tayebwaa waliin himataman.

    Abukaattoonni akka jedhanitti, odeeffannoo Tiktokiirratti maxxanfame ‘’maatii Pirezidanti Museevenii kan xiqqeessuu, jibbasaanii kan jajjabeessu’’ jedhan.

    Fulbaana darbe kana keessa Dubbi-himaan poolisii biyyatti Ruske Kituuma Pirezedantii biyyattii qoccoluun yakka jedhan.

    Qondaalli poolisii kun maqaa’’ Lucky Choice’’ jedhuun beekamu erga yakka kanaan walqabatuun akka qoratan erga dubbatanii booda Tiktokarichi kun hidhame.

    Dargaggoon kun viidiyoo Elba keessa maxxanseerratti maatii Pirezedanti Museevenii qeeqera.

    Dhaabbileen mriga namoomaaf falman Yugaandaan irra deddeebiin mirga namoomaa sarbuu fimirga bilisummaan yaada ofii ibsachuu sarbuun himatu.

  3. Chaaayinaatti namtichi konkolaataa namoota walitti qabanirra baase lubbuu namoota 35 dabarse

    Namoota istaadiyeemii Zuhaayiitti Wixata ispoortii hojjataa turanirra konkolaataan bahee yoo xiqqaate namoota 35 ajjeesuun, namoota 43 madeessuu qondaalonni biyyattii himan.

    Namticha ganna 62 maqaa masoo Faan jedhamuun waamamutu konkolaataa giddugala ispoortiitti namootarra baase.

    Poolisiin biyyattii haleellicha’’ haleellaa suukaneessaa fi hamaadha’’ jechuun ibse.

    Miidiyaaleen Chaayinaa akka gabaasanitti namoota miidhaman keessa ijoollee, maaanguddoonni fi ijoollee ol adeemootu jira.

    Namtichi Faan jedhamu otoo haleellaa qaqqabsiisee baqachuuf yaalu hidhamuusa poolisiin beeksiseera.

    Faan ofum isaatiif of madeessuun gaggabee of wallaaleera.

    Magaalichi agarsiisa waranaa fi sivilii sababa keessummeesuuf wayita eegums jabaatetti haleellaan kun qaqqabe.

    Poolisiin qorannoon marsaa jalqabaatiin ifoomse akka agarsiisutti, Faan erga gaal’ila diigee booda qoodinsi qabeenyaa raawwatameetti mufateera.

    Faan ammatti of walaalle waan jiruuf qondaalonni isa haasofsiisu hin dandeenye.

  4. Raashiyaan loltoota 50,000 ol Kuurishiki keessaa qabdi

    Pirezidaantiin Yuukireen Volodmir Zeleniskii, Raashiyaan naannoo Kuurishiki keessaa loltoota 50,000 tahan qabdi jedhan.

    Ibsa guyya guyyaan uummata biyyattiif kennan irratti oppireehsiniin humna waraanaa Raashiyaa irratti gaggeessaa jiran humna Moskoon Yuukireen keessatti bobbaaste dadhabsiisaa jira jedhan.

    Zeleniksiin kun galma deebisanii waraanuu humna waraanaa Raashiyaa irratti gagggeessaa jiranii akka tahe himan.

    Biyyoonni Lixaa galma injifannoo Zeleniskiin kaawwatan irraa shakkii qabu ture.

    Akka dhaabbata miti-mootummaa waraana irratti qorannoo gaggeessu, US jiru tokkootti, yeroo Yuukireen daangaa Raashiyaa galuun haleellaa jalqabde, Raashiyaan loltoota 11,000 qofa Kuurishki keessaa qabdi ture.

    New York Times akka gabaasetti erga Yuukireen daangaa Raashiyaa keessatti haleellaa bantee Moskoon loltoota ishee naannoo Kuurishiki osoo hin baasiin achumatti dabalaa turte.

    Qondaalonni US fi Yuukireen akka jedhanitti loltoonni Kooriyaa Kaabaa waraana Raashiyaatti dabalaman gara 10,000 tahu. Kana Raashiyaan hin amannes hin haalles.

  5. Murteessaan osoo Yargen Kilooppiin arrabsuu viidiyoon argame hojiirraa dhorkame

    Murteessaan Piriimer Liigii Deevid Koot osoo leenjisaa duraanii Liiverpuul, Yargen Kiloop arrabsuu argame hojiirraa dhorkame.

    Sanbata darbe leenjisaan kun tapha Liiverpuul 2-0 Aston Viilaa mo'ate taphachiiseera. Viidiyoon osoo kilooppiin arrabsuu mul'atu miiidyaa hawwaasaa irratti haalaan qoodameera. BBC'n yoomiif eessatti waraabame kan jedhu hin mirkaneeffanne.

    Deevid Koot hanga qorannoon isarrtti jalqabame xumuramutti tapha tokkoyyuu hin taphachiisu. Bara 2020 tapha Liiverpuul 1-1 Barnilee waliin xumure irratti Deevid Koot balleessaa taphattoota Liiverpuul irratti raawwatamaa tureef adabbii hin kennine jedhamuun Kilooppiin qeeqamee ture.

    Waldaan murteessitoota PGMOL dhimma kana qorachaa akka jiru ibsee, yoo dhugaa tahuu mirkaneeffate garuu maqaa waldichaa kan xureessu taha. Deevid Koot erga bara 2018 as taphoota gurguddoo taphachiisuun beekama.

  6. UN'tti ambaasaaddarri Ameerikaa haaraa muudamte Eliis Isteefaaniik eenyu?

    Dubartiin kongireesii Niiw Yoork Tiraamp ambaasaaddara UN gochuun filate bara 2014tti kongireesiitti yoo filamtu umriidhan ishee xiqqoo turte.

    Yeroos nama ganna 30 kan turte Eliis Nuuw Yoork naannoo 21st District jedhamu bakka buuti.

    Siyaasatti makamuun booda mana maree warra Rippaablikaanaa keessa sadarkaa arfaffaarra kan jirtu yoo tahu, duraan Tiraampiin qeeqxi ture boodarra garuu amanamummaan isa deeggaruu jalqabde.

    Tiraamp ibsa Nuuw Yoork Poost irratti baaseen ''akkaan cimtuu, jabduu, qaxalee fi loltuu ''Ameerikaan Haa Dursituuti,'' jedheen.

    UN'tti ambaasaaddarri Ameerikaa nageenyaafi wal-tumsa addunyaaratti shoora murteessa ni qabaata, muudamni Eliis illee lollii Yukirreenii fi Baha Giddugalaa yeroo itti fufee jirutti dhagahame.

  7. Hogganaan daangaa haaraa ''karaa keenyarraa achi maqaa'' jechuun Demokiraatota akeekkachiise

    Hogganaan eegumsa daangaa haaraa Tiraampiin muudaman, Toom Homaan Demokiraatonni karoora godaantota eeyyama hin qabne biyyaa baasuu danqu jechuun ''karaa keenyarraa achi maqaa,'' jedheen.

    Har'a ganama miidiyaa Fox News irratti dhiyaachuun,'' bulchitoonni warra Demookiraatii nu dura dhaabbachuun jiruu keenya akka cimaa godhan argeera.''

    ''Hojii kana fiixaan ni baasnan,'' jedhan.

    Homaan waan kana kan dubbatan hogganooti Demookiraatii bulchiinsota tokko tokko isa Tiraamp godaantota seeraan alaa ni ariina gabaasni jedhu bahuun booda.

    Yeroo aangoo marsaa duraa Tiraampis akkasuma magaalaa baqannaa waan jedhu uumuun hojjechaa turan.

    ''Magaalaan baqannaa keessa nu hin gargaaru, karaa irraa maqaa... dhufaa jirra,'' jedhan.

  8. Bulchiinsi yeroo Tigraay garee TPLF kaan fonqolcha mootummaan himate

    Bulchiinsi yeroo Tigraay Geetaachoo Raddaan hogganamu garee TPLF Dr Debretsiyoon Gabiramikaa'eliin durfamu fonqolcha mootummaan himatee, aangoo hirmaachuu waan mariif dhiyeessinu miti jedhe.

    Bulchiinsi yeroo kuni ''fonqolcha mootummaa ifatti bahe'' raawwateera jechuun himate.

    Ibsa Sadaasa 10, 2024 baaseen gareen Dr Dabiratsiyooniin durfamu ''hojii mootummaa danquurraa hanga sochii mootummaa fonqolchuu taasisuun,'' dubbii hammeessaa ture jedhe.

    Ibsichi, ''gareen kun hojii waliin dhahuu irratti bobba'eera,'' jechuun uummatatti ''hogganoota waraanaa Tigraay waliin waligalteerra akka gahame,akkasumas caasaa mootummaa gubba hamma godaatti to'achuu himeera,'' jedha.

    Bulchiinsi yeroo kuni mariif qophii tahuu himee aangoo hirmaachuu garuu ''waan mariif dhiyaatu miti,'' jechuun mariidhaan ''karaa nagaan dubbii gabaabsuu fi furuu,'' irratti xiyyeeffachuu hime.

  9. 2024 bara ho'aa tahuun galmaa'uu UN ibseera

    Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii(UN) barri 2024 bara ho'aa addunyaa irratti galmaa'e ta'uu akeekkachiiseera.

    Akka dhaabbatichi jedhutti giddu galeessii ho'a addunyaa baatii Amajjii fi Fulbaana gidduutti kan dhuma Jaarraa 19ffaa ol ture.

    Bara kana addunyaa guutuutti taateewwan haala qilleensaa hamaan lubbuu namaa galaafatan mudataniiru.

    Lixa Afrikaatti ho'a cimaa ta'e irraa kaasee hanga rooba cimaa tibbana giddu galeessa Awurooppaa rukuteetti.

    Amma hoggantoonni Addunyaa biyyoota 200 irraa dhufan torban lamaan dhufan keessatti COP29 irratti biyya boba’aa oomishtu Azarbaajaan keessatti walga’u.

    Xiyyeeffannaan addaa akkaataa biyyoonni kunneen yeroo dheeraaf ho'a addunyaa gara 1.5Ctti daangeessuuf karoorfatan ta'a. Kunis galma waliigaltee Paaris bara 2015 kaa'ame dha.

  10. Waajjirri Tiraampi marii bilbilaan Tiraampi Putin waliin taasise irratti yaada hin kennine

    Roobii darbe Tiraampi Vilaadmir Putiniif bilbiluun mari'achuu Washingiton Post gabaasee ture.

    Tiraampi yeroo Putiniif bilbile waraana Yuukireen keessaa hammeessuu irraa of qusadhu jechuun akka akeekkachiis ehimama.

    Daarikterri komunikeeshinii pirezidaantii haaraa filaman kanaa Istiiven Choongi marii gaggeessaa biyya biraa wlaiin taasisan irratti yaada hin kennu jedhan. Garuu dhuguma bilbilaan mari'achuu mirkaneessan.

    Gabaasaaleen akka eeranitti Tiraampi yeroo Putin waliin dubbatu, Ameerikaan ''loltoota hedduu Awurooppaa keessaa qabdi'' jechuun akeekkchiisaniiru.

    Tiraampi yeroo duula filannoo waraana Yuukireeniif Raashiyaa ''guyyaa tokkottan xumura'' jedhe. Garuu akkamiin kan jehdu hin ibsine.

    Erga filannoo mo'atee ammoo pirezidaantii Yuukireen Zeleniskii waliin dubbateera.

    Maddeen waajjira pirezidaantii Zeleniskii BBCtti akka himanitti mariin taasisan gara walakkaa sa'aatiif kan turedha.

  11. Tiraampi hogganaa eegumsa daangaa fi baqattoota biyyaa baasuu muude

    Doonbaaldi Tiraampi muudama kaabinee isaanii haaraa keessatti Toom Homaan hogganaa Eegumsa Daangaa f Imaammata Baqattoota Biyyaa Baasuu gochuun muude.

    Pirezidaantii haaraa 47ffaa US, tahuun kan filaman Tiraampi, miiidyaa hawwaasaa isaanii Truth Social Network jedhu irratti ibsan.

    Hoomaan kana dura bulchiinsa Tiraampi jalqabaa keessatti yeroodhaaf daariktera Immigireeshinii fi Gumuruka biyyattii tahuun hojjetaniiru.

    Amma waan duula filannoo irratti Tiraampi waadaa galan raawwachiisuuf hojii bal'aatu isaan eeggata jedhame.

    Hoomaan nageenya daangaa gara Kibbaa irraa jalqabee hanga nageenya aviyeeshinii biyyattiitti hojii guddaa hojjetu jedhame.

    ''Homaan baqattoota seeraan ala Ameerikaa galan akka gara biyya isaaniitti galan taasisa,'' jedhe.

  12. Mandarri Beynuunaa amantaa 'ni danda'ama' jedhuuf ragaa jiraataadha-MM Abiy Ahimed

    Mandarri turizimii Beeynuunaa haroo Basaqaa irratti hojjetamaa ture tajaajilaaf banaa tahuu MM Abiy Ahimed himan.

    MM Abiy Ahimed, ''faaya dhokataa Haroo Basaqaa: mul'ata hordofuun murannoo hin warraaqneefi tarkaanfii kaayyoorratti hundaa'e gaafta,'' jechuun suuraa akkaan miidhagaa ganda ammayyaa Haroo Basqaa irratti hojjetame qoodaniiru.

    Itti dabaluun ''Sochii damee tuuriizimiitiin jalqabne cimsinee itti fufuudhaan hamma Itoophiyaan gittu addunyaatti ni argisiifna,'' jedhan.

    MM Abiy Ahimed pirojeektii Maaddii Biyyaaf jedhuun mandara turizimii Haroo Wancii, Haroo Dandii, Koyishaa, Gorgoraa, fi kaan irratti hojjechiisaniiru.

    Waa'ee Karrayyuu wantoota beekuu qabdan shan

  13. Haleellaa Israa'eliin Gaazaa keessa hedduu du'an - Maddeen

    Haleellaa Israa’el mana irratti kaaba Gaazaa Jabaliyaatti raawwatteen namoonni hedduu ajjeefamuu ogeeyyiin fayyaa Filisxeemiifi lubbuu baraartonni himan.

    Miidiyaan Filisxeem Wafa jedhamuufi gartuun lubbuu baraartootaa Hamaasiin hogganamu yoo xiqqaate 30 ajjeefaman jedhe.

    Akka gartuu lubbuu baraartootaa jedhetti kanneen du’an keessaa 13 daa’immanidha.

    Raayyaan Ittisa Biyyaa israa’el bakkee ‘’shororkeessitoonni sosso’an’’ haleeluu hime.

    Lammiilee nagaa balaarra akka hin buune of eeggannoon taasifamuu dubbate.

    Jabaliyaafi bakkeewwan kaaba Gaazaa biroo erga Israa’el Onkololeessa keessa haleellaa lafoo eegaltee jalqabee socho’uu hin dandeenye jedhaniiru dhaabbileen gargaarsaa.

  14. 'Amma waancaa injifachuuf kaadhimamoota keessaa tokko taaneerra' - Liiverpuul

    Liiverpuul, Aanfiildi irratti erga Aston Viilaa 2-0 mo’atanii booda amma ‘’waancaa injifachuuf kaadhimamaa akka taane amanna’’ jedhe taphataan Liiverpuul Maak Alister.

    Morkataan isaanii cimaan Maanchister Siitiin 2-1 Biraayitaniin mo’ame.

    Bara dorgommii 33 keessatti taphoota 11 taphachuun qabxii shaniin caalee tokkoffaa irra taa’uun Liiverpuul kilaba jahaffaadha.

    Tokko bara 2019-20 yoo tahu isaanuma Liiverpuultu caale ture. Bara sana garuu waancaa injifataniiru.

    Arsenaal qabxii 10niin caalameera. Garuu tapha tokko qaba. Cheelsii waliin tapha qaban yoo mo’atan qofa garaagarummaa kana dhiphisuu danda’u.

    Peep Gaardiyoolaan garuu harka hin kenninu jedhan.

  15. Ji'a kana Raashiyaan baay'ee miidhamte - UK

    Erga waraanni Yukireen keessatti eegalee baatii kana keessa Raashiyaan yeroo kamuu caalaa namni baay’ee jalaa miidhame jechuun Itti gaafatamaan waajjira Ministeera Ittisaa UK himan.

    Admiraal Sar Toonii Radaakiin waraanni Raashiyaa giddugaleessaan loltoonni 1,500 akka jalaa du’eefi baatii Onkololeessa keessa ‘’yeroo hundaa’’ madoon miidhamte jedhan.

    Akka gabaasa amma jiruun taanaan erga waraanni Guraandhala bara 2022 eegalee Raashiyaan loltoonni ishee 700,000 du’aniiru yookiin miidhamaniiru jechuudha.

    Raashiyaan loltoota waraanaan jalaa du’an lakkoofsaan hin ibsitu.

    Haa ta’u malee, kan baatii Onkololeessaa isaa hamaadha jedhan qondaalonni ittisaa biyyoota Lixaa.

    Ummanni Raashiyaa weerara Puutiniif ‘’gatii akkaan qaalii’’ kaffalaa jiru jedhan qondaalli UK kuni.

    ‘’Raashiyaan sababa fedhii Puutiniin ummata 700,000 jalaa ajjeefamaniiru yookiin miidhamaniiru,’’ jechuun himan.

    Miidhaan kuni hundi ‘’lafa xiqqoofi’’ jechuunis dubbatan.

  16. Kaataar qooda jaarsummaa Israa'el fi Hamaas gidduu qabdu addaan kutte

    Israa’el fi Hamaas waliigaltee dhukaasa dhaaburra akka gahaaniifi kanneen butaman akka gadhiifaman qooda jaarsummaa bahataa kan turte Kaataar addaan kutte.

    Yeroo qaamoleen lamaan waliigaluuf ‘’fedhii agarsiisan’’ qooda jaarsummaa ittin fufa jette.

    Dhimmi Kataar kuni erga qondaalonni olaanoo Ameerikaa Hamaas Kaataar keessa jiraachuu isaa akka hin fudhanne erga gabaafame boodadha.

    Kunis, waliigaltee haaraa dhihaate erga garichi dide booda jedhame.

    Haa ta’u malee, gabaasonni akkanaa ‘’dhugaa miti’’ jetteetti Kaataar.

    Ministeerri Dhimma Alaa Kaataar guyyoota kudhan dura qaamoleen lamaan yoo waliigalteerra hin geenye qooda jaarsummaa akka dhaabdu akka ibsitee turte hime.

    Gareen Gaazaa keessa Israa’el lolu, Hamaas, erga 2012 eegalee Kaataar keessa waajjira qaba.

    Kunis gaaffii bulchiinsa Obaamaan akka ta’e gabaafame.

    Guyyaa Sambataa miidiyaaleen hedduu Hamaas waajjira isaa Dohaadhaa qabu akka cufu Kaataar fi US waliigalan jedhanii gabaasanii turan.

    Ministeerri Dhimma Alaa Kaataar garuu ‚‘‘dhugaa miti’’ jedhe. Hamaasis gabaasni akkanaa dhugaa miti jedhe.

  17. Attam ooltan?

    Kuni tamsaasa kallattii BBC Afaan Oromoodha.

    Nu waliin turaa.

  18. FBI ergaawwan sanyiin loogan kan lammiilee Ameerikaa gurrachatti ergaman qorachuu jalqabe

    Qondaaloti ergaawwan gabaabaa bilbilaan lammiilee Ameerikaa gurraachatti ergaman qorachaa jiru. Ergaawwan kunneen gurraachonni ''dhaqanii jirbii akka funaanan,''' faa itti hima.

    Lammiileen Ameerikaa gurraachi kooleejii fi mana barumsaa sadarkaa lammataa Alaabaamaa, Noorz Kaarolaayinaa, Varjiiniyaa fi Nuuw Yoork keessa jiran ergaan kuni isaan qaqqabeera.

    ''FBI waa'ee ergaawwan namootatti ergaman quba qaba qaamolee federlaa kaan wajjiin tahuun qorachaa jira,'' jedhe.

    Ergaan kuni Roobii darbeerraa qabee kan ergamaa ture yoo tahu kunis guyyaa filannoo booda dha. Namoonni muraasni duula Tiraamp waliin wal qabsiisaniiru- inni garuu kana guutummaati haale.

    Bulchiinsa Indiyaanaa keessa kan jiraattu haati ganna 42 intalashee kooleejii jirtutti erga ergame dubbatteetti.

    Ergaan kunis, ''lafa qonnaa dhihoo jirutti garba akka taatuuf filamtee jirta,'' konkolaataa adiin fuudhamta, iddoo galma kee gaafa geessu ni sakatta'amta,'' jedha.

    Haati alangaa Luuwiziyaanaa Liiz Muurill waajirri qorannoo madda ergaawwan kunneen qorachuu yaaleera kanaanis Poolaand irraa akka tahe mirkaneesse jette.

    Liiz warri qoratan ''ergaan kuni jalqaba eenyurraa akka dhufe garuu mirkaneessuu hin dandeenye, biyyaas tahe alaa nama hamaa tokkootu jalqabe taha,'' jedhan.

  19. Gaazaa keessatti kan du'e harki 70 dubartootaafi ijoolleedha - UN

    Waajirri mirga namoomaa UN waraana Gaazaatiin namoonni nagaa akkaan baayyee ajjeefamuu balaaleffate. Baatii jaha keessatti lakkoofsi namoota du'uun mirkanaa'e %70 ijoollee fi dubartoota tahuu agarsiisa.

    Dameen UN kuni, ajjeechaan kun kan qaqqabuu danda'e baay'inaan Israa'el naannoo ummanni nagaa baay'atutti waan haleellaa raawwattuufi ajjeechaan muraasni immoo bu'aa seeramaleessummaa hidhattootuma Filisxeemiin raawwate jedhe.

    Gabaasni kuni sarbama seera idila addunyaa ''mul'atee hin beekne dha,'' ''yakki waraanaa fi haleellaawwan biroo raawwachuu irrattis gaaffii kaasa,'' jedhe.

    Israa'el kanaan dura Hamaas irratti akka qiyyaafattuu fi namoota nagaa akka hin saaxille himaa turte.

    Dhaabbanni UN kuni Sadaasa 2023 hanga Ebla 2024tti Gaazaa keessatti namoonni 8,119 ajjeefamaniiru jedhe.

    Namoota ajjeefaman keessaa %44 ijoollee kanneen %26 ammoo dubartootaa tahuu mirkneessee jedhe. Warra du'an keessaa daa'imman waggaa shanii hanga sagalii keessatti argamu.

    Kanneen keessaa %80 naaannoo mana jireenyaa ykn mana keessa otoo jiranii ajjeefaman.

    BBC'an dhimma kanarratti waraana Israa'el yaada argachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.

  20. Ameerikaan shira Iraaniin nama Tiraampiin ajjeesuuf ture himatte

    Mootummaan Ameerikaa lammii Afgaanistaan shira Iraan xaxxeen Donaald Tiraamp pireezidantii tahee filatamuun dura ajjeesuuf ture irratti himannaa bane.

    Waajirri Haqaa biyyattii nama Farhaad Shaakeerii jedhamu irratti yoo himannaa banu Tiraamp ajjeesuudhaaf ''karoora kennaa'' ture jedhe.

    Mootummaan Ameerikaa namni Shaakeerii jedhamu to'annoo jala kana hin oollee fi yeroo ammaa Iraan keessa jira jedhe, Iraan gamasheen himannicha ''waan bu'uura hin qabne,''jetteetti.

    Mana murtii Maanhattanitti himannaa yakkaa banameen abbootiin alangaa Iraan Fulbaana keessa namni kuni Tiraampiin gaadee akka ajjeesuuf karoora akka baasu ajajjeetti jedhan.

    Waajirri haqaa kuni dabalataan namoota biroo lama akka gaazexeessaa Ameerikaa Iraaniin qeequ akka ajjeesan filamanis himateera.

    Dubbii himaan ministeera hajaa alaa Iraan Ismaa'el Baaghaayi himannaan wal-fakkaataa kanaan duras dhiyaatee ture, Iraanis balaalleffattee dubbiin dhugaa otoo hin tahiin hafe jedhe.

    Tiraamp bara kana yaaliin ajjeechaa lama kan irratti aggaamame yoo tahu, Adoolessa keessa duula filannoo Peensilvaaniyaatti geggeessaa tureen namni qawwee hidhatee itti dhukaasuun gurrasaa miidheera.

    Fulbaana darbes akkasuma Weest Paam Biichitti yeroo Tiraamp golfii taphataa ture qawween itti qiyyaafachuun to'annoo jala ooleera.