Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Tiraamp Omaan dhimma Iraan irratti ''karaa nutti cufti taanaan'' boombiidhaan haleella jechuun doorsise

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp dhimma marii Iraan irratti ''yoo kan karaa nutti cuftu ta'e'' boombiidhaan ishee haleella jedhe.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Poolisiin Finfinnee namoota shamarree tokko dararan to'achuun qorataa akka jiru ibse

    Poolisiin magaalaa Finfinnee viidiyoo wayita shamarreen tokko reebamtu mul'isu ilaalchisuun qorannoo barbaachisaa gaggeessuun qulqulleeffachuu ibse.

    Gochi kun ALI Onkoloolessa 14, 2018 Finfinnee kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyoo Aanaa 4 bakka Alam Baank jedhamutti raawwachuu Qajeelchi Poolisii Olaanaa Magaalaa Finfinnee ibseera.

    Poolisiin Finfinnee ibsa Facebook isaarratti maxxanse keessatti barattoonni shamarran ta'an Fardoos Mahammad, Eden Daawwit fi Haanii Huseen jedhaman wayita hiriyaasaanii reebuun dararan viidiyoon mul'isu miidiyaa hawaasummaarratti qoodamuu booda namoonni kunneen seeraan akka gaafataman yaadonni hedduun kennamaa jiraachuu hime.

    Viidiyoon kun miidiyaa hawaasummaarratti bal'inaan qoodamuu ji'oota dura namoota sadeen to'annoo jala oolchuun qorannoodhaan mirkaneessuu ibseera poolisiin.

    Barattoonni yakka kanaan shakkaman sadeen mana murtiitti dhihaatanii, beellama yeroon to'atamanii, poolisiin ragaa barbaachisaa fudhachuun galmee qorannoo erga xumuree booda gara qaama haqaa dhimmi ilaallatutti dabarsuu Poolisiin Finfinnee ibseera.

    Wayita shamarrettiin reebamtu viidiyoon agarsiisu gadhiifamuun mucattiis ta'e maatii isheerratti miidhaa waan qabuuf, poolisiin nama viidiyoo kana baase qoratee mirkaneessuuf shakkamtoota sadeen ammas deebi'ee to'achuun qorannoo dabalataa irratti gaggeessaa jiraachuu ibse.

    Uummannis gocha kana balaaleffachuun qaamoleen gocha kana raawwatanis akka seeraan gaafataman dhimmamee waan gaafateef poolisiin Finfinnee galateeffateera.

  2. Tiraamp Omaan karaa nutti cufti taanaan boombiidhaan haleella jedhe

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp Omaan dhimma marii Iraan irratti ''nu dura dhaabbachuun karaa nutti cufti taanaan,'' boombiidhaan ishee haleella jechuun doorsisuu Fox News.

    Akka gabaasa kanaatti Tiraamp akeekkachiisa kana kan kenne wayita bilbilaan dubbatetti ture.

    Tiraamp wayita oduun bilbilaa kun dhagahametti, karaa al-idilee Eegdota Warraaqsaa Islaamaa Iraan (IRGC) waliin walquunnamuuf isa gargaaru akka qabu ibsee ture.

    IRGC garuu Tiraamp waliin marii kamiyyuu gaggeessee akka hin beekne ibse.

    Aanga'oonni Iraan ammoo dhimma dooniiwwan karaa Ulaa Hormuuz dabarsuu irratti mariin gaggeeffamu xumuratti dhihaachuu ibsaniiru.

    Waliigalteen wal hubannoo guyyoota jaatamaaf turu Wiixata har'aa obba'eera.

    Waliigalteen kun akka US fi Iraan mariidhaan waraana goolabaniif waliigalamee ture.

    Waraana kana keessatti walaba ta'uushee kan ibsitu Omaan, erga waraanni eegalee haleellaa Iraaniin guddoo miidhamte.

    Haata'u malee yeroo dhihoo as Ulaa Hormuuz banuu ilaalchisee Iraan waliin mariitti jirti.

  3. Ajandaawwan marii biyyaalessaa Roobii dhufu ni raggaasifamu- Komishinii

    Adeemsi marii biyyaalessaa karaa milkaa'aa ta'een gaggeeffamaa akka jiruu fi ajandaawwan mariif dhihaatan hedduu irratti waliigalteerra ga'amuu Komishinara Itti Aantuu Komishinii Marii Biyyaalessaa kan ta'an Hiruut Gabrasillaasee ibsan.

    Ajandaawwan saddeettan marii kanaaf dhihaatan hunduu uummattoota Itoophiyaa hundarraa bakka bu'aa kan hirmaachisan ta'uu kan ibsan Aadde Hiruut, marii kanarratti hunduu carraa walqixa akka argachuun hirmaataa jiru jedhan.

    Hirmaattonni marii kanaa garee adda addaatti hirmamuun ajandaawwan qoodaman irratti mari'ataa kan turan yoo ta'u, galteewwan yaadaa walitti qabamuun bifa wixineen qindaa'an erga sirriitti qaacceffamanii booda Roobii dhufu bakka miseensonni kuma 4 walitti qabamanitti raggaasifamu jedhan.

    Adeemsa marii irratti komiiwwan ka'an ilaalchisuun ibsa kan kennan Aadde Hiruut, komiiwwan keessummeessuun fala kaa'uuf koreen hundaa'e hojiisaa hojjechaa jira jedhan.

    Koreen kun komiiwwan gadi fageenyaan qoratee erga kaawunsilii komishinarootaatti dabarsee booda, kaawunsiliin murtee barbaachisaa kenna.

    Kun kanaan otoo jiruu qaamoleen addatti ba'uun komii qabanirratti ibsa baasan jiru kan jedhan Aadde Hiruut, ''miirri gaariin silaa walitti dhihaatan mari'achuu ture. Garuu qaamni kamuu ibsa baasuuf mirga qaba. Komishinichi yaadota dhihaataniif deebii barbaachisaa karaa barbaachisaa ta'een ni kenna,'' jedhan.

    Adeemsa marii, keessattuu dhimma Finfinnee irratti, dhimmoota akka yaada murtiitti dhihaatan irratti Paartiin Sochii Biyyaalessaa Saba Amaaraa (ABIN) fi EZEMAn galma marii keessatti komii dhiheessanii turan.

    Kana malees ABIN addatti ibsa baaseen mariin kun ''keessa seentummaa qaama mootummaan gufateera,'' himannaa jedhu dhiheesseera.

    Paartichi ''haala siyaasaa fi nageenyaa amma biyyattiin keessa jirtu sirriitti qorachuun,'' ibsa baasuun Facebook isaarratti maxxanseen adeemsa marii biyyaalessaa irratti gufuun mudate ''hojimaata badaa xixiqqaa ykn garaagarummaa siyaasaa baratamaan ala kan ba'eedha,'' jedhe.

    Balleessaawwan gurguddoon amanamummaa, hirmaachisummaa, al-loogummaa fi haqa qabeessummaa marichaa gaaffii keessa galchan raawwatamuu kan ibse ABIN, ''giddu-seentummaa fi dhibbaa qaamni biyya bulchu gara tokko goruun raawwateen adeemsi marichaa bu'a qabeessa akka hin taane sodaa uumeera,'' jedhe.

    Paartichi dhimmoota ijoo akkaan yaaddessoo ta'anii fi uummanni biyyattii xiyyeeffannaan ilaaluu qabu jedhee tarreesse sagal keessaa tokko dhimma Magaalaa Finfinneeti.

    Komishinar Hiruut Gabrasillaasee marii addunyaarratti gaggeeffaman kamuu keessatti yaadota hundarratti qaamni hunduu waliigala jedhamee kan hin eegamne ta'us, mariin kun waliigaltee fi wal hubannoo lammiileen Itoophiyaa hawwan kan argamsiisuuf akka ta'e ibsan.

    ''Hanga ammaatti adeemsi marii ture Itoophiyaaf oduu aangaa ta'uu,'' kan ibsan Aadde Hiruut, ''bu'aan marii kanaa nageenya amansiisaa fi tokkummaa biyyaalessaa,'' Itoophiyaaf kan fidu ta'uu ibsan.

    Mariin biyyaalessaa erga eegalee ji'a kan caale yoo ta'u, namoota kuma afur kan hirmaachisuufi ji'a tokkoof akka gaggeeffamu ibsamee ture.

  4. Lammiileen Itoophiyaa Ameerikaa keessa ari'amuuf jiruu?

    Mootummaan Ameerikaa waggaa afur dura sagantaa Eegumsa Yeroo ykn TPS jedhamuun lammiileen Itoophiyaa yeroof biyyattii keessa hojjataa akka jiraatan eeyyame ture bulchiinsi Tiraamp haquun isaa ni yaadatama.

    Sababa waraana Tigraayiin eegumsi seeraa yeroof koolu galtoota Itoophiyaa kuma shan ta'aniif kennee ture. Haa ta'uu malee wagga darbe hayyamni kun kaafamuu hordofuun lammiileen Itoophiyaa Ameerikaa keessaa jiran mana murtitti iyyaachaa uanga yoonaa turan.

    Hayyamni kunis hanga hagayya 19tti kan turu taasifamee ture. Haa ta'uu malee bulchiinsi Tiraamp hayyama lammilee Itoophiyaa,dabalatee kan biyyoota Afrikaa 3 (Kaameruun, Somaaliyaa fi Sudaan Kibbaa) kaleessa adda kuteera.

    Lammileen biyyoota Afrikaa kunneen hayyamni Eegumsa Yeroo Temporary Protected Status (TPS) adda cituu hordofee Ameerikaa keessaa ari’amuuuf saaxilamuu danda’u.

    Mootummaan U.S eegumsa yeroo kennuu kan jalqabe bara 1991 yoo ta'u, mirgi kun baqattoota waldhabdee, waraana, balaa uumamaa ykn sababa biroo nageenyasaanii balaarra buusu qabaniif kennama.

    Itoophiyaaf TPS bara 2022 keessa, Somaaliyaa immoo bara 1991 irraa eegalee kennamee ture. Sudaan Kibbaa bara 2011, Kaameruunis rakkoo nageenyaa fi walitti bu’iinsa biyyattii keessa jiruun eegumsa kana argatanii turan.

    Haa ta’u malee, TPS haqamuun namni hundi battalumatti akka biyyaa baafama jechuu miti.

    Namoonni hayyama jireenyaa biraa, iyyata qaban ykn eegumsa seeraa biroo qaban Ameerikaa keessa turuu danda’u. Garuu warri hayyama biraa hin qabne,biyyaa baafamuu fi hayyama hojii isaanii dhabuu danda’u.

  5. Yuukireen diroonii UK hojjetteen Raashiyaa haleelte

    Yuukireen yeroo jalqabaaf diroonii UK hojjette fayyadamuun daangaa Raashiyaa seenuun haleellaa cimaa raawwatte.

    Dirooniiwwan kunneen kaampaanota UK lamaan hojjetaman. Diroonichi walakkaa Raashiyaa seenuun haleellaa raawwatte.

    Buufataalee waraanaa fi indaastirii humna waraanaa Raashiyaa fi man kuusaa gurgurtaa qinxaaboo Waayildibeeriis jedhamu haleelte.

    Haleellaan jalqaba Sunday Times gabaase akka agarsiisutti haleellaa kanaan Raashiyaan qabeenya Paawondii Biliyoona 35 baasu dhabdeetti.

    Misaa'eloonni UK Istorm Shaadoo jedhaman jalqaba waraanichaarra hojiirra oolanii ture. Garuu kan amma Yuukireen fayyadamte isa duraa caalaa bu'a qabeessa taheera.

    Ji'a Ebla darbe keessa Ministeerri Ittisaa UK, diroonii kumaatama Yuukireeiif nan dhiyeessa jedhee ture.

  6. Iraan nama loltuu US qabee fi ajjeese badhaasa guddaan qabaaf jette

    Ajajaan waraana Iraan Amiir Hataamii namni loltuu US ajjeese, harkaan qabeen aangawoota keenyaf dabarsee kenne dolaara 30,000 badhaafama jette, yoo dubartii taate immoo badhaasni dachaasi ta'a jedhe.

    Akka gabaasa miidiyaa mootummaa Iraan (IRNA)tti Hatamiin murtoon kun kan darbe lammiileen Iraan badhaasa arjoomuu barbaadan waan gaaffii dhiyeessaniifi.

    "Waraanni badhaasa dolaara 30,000 nama loltuu US ajjeese ykn qabeef ni kenna, yoo loltuun dubartii taate dachaa ta'a,"jedhe.

    Qondaalli waraanaa kun yeroo fi bakka haleellaan kun itti raawwatamuu malu hin eerre.

    Gabaasa Ebla keessa paayilatii US Iraan keessatti kufeen ala, loltoonni US lafoodhaan Iraan keessa seenu gabaasni agarsiisu hin jiru.

    Ajajaan waraanaa Iraan, " gama Iraaniin, sochiin US naannichaa to'atamaa dha, humnoonni US mirga Galoogalaanaa, Ulaa Hormuuz fi ,Galaana Omaan seenuu hin qaban"

  7. Roodiriin paawondii miliyoona 65'n Baarseloonaaf mallatteesse

    'Gaardiyoolaan bara 2024 Roodiriin addunyaarraa taphataa sarara gidduu cimaadha jedhe.

    Gaardiyoolaan bara 2019 Atileetiikoo Maadirid irraa Roodirii mallatteessise.

    Roodiriin taphataa waan hundaa gochuu danda'udha jedhe. Yerootti gareen kun rakkoo keessa galu, miira injifannoo inni gareef kennu, jifachuufis tahe ittisuuf, kubba gabaabaa fi dheeraa taphachuun inni dorgommii hin qabu jedhe.

    Maanchister Siitiin Roodirii bakka buusuuf Baayoodii Liil irraa mallattesisuuf jedha. Garuu isa bakka buusuun ulfaataa akka tahe hunduu ni amanu.

    Eliyoot Andersan kan mallatteesise Siitiin Roodirii dhabuun ammallee isa miidha.

    Taphoota 298 taphatee galchii 32 lakkoofsisee kubba galchii tahu 28 kenne.

    Waancaa Piriimer Liigii afur, Shaampiyoonsi Liigii, Kilab Woorlid Kaap fi kaan Maan Siitii waliin mo'ateera.

    Ispeen waliin Waancaa Addunyaa fi waancaa Awurooppaa mo'ateera.

  8. Weerarri Iboolaa DR Koongootti sadarkaa seenaa keessatti mul'atee hin beekne gahe

    Caamsaa 15 kaasee namoonni 2, 325 vaayirasii kanaan du'aniiru, kanaanis lakkoofsi kun baay'ina namoota baroota 2018-2020 gidduutti du'anii caaleera.

    Weerarri kun saffisa mul'atee hin beeknen mul'achaa jiraachuu, hogganaan gargaarsa namoomaa UN Toom Fileecher himan.

    ''Weerarri kun daqiiqaa 30 keessatti nama tokko ajjeesa.''

    Dhibee Iboolaaf hanga yoonaa talaalliin tokkollee hin argamne, sanyii vaayirasii Bundibugyo jedhamuun kan dhufu weerara vaayirasii kanaaf dhababileen dhuunfaan ka'umsa talaallii Astiraazenekaa Koovid-19 godhachuun qopheessaa jiran jiru.

    Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa DRC FDilbata akka jedhetti namoonni qabaman 4,945 gahan jedhe. Sa'aatiiwwan 24 darbanitti immoo namoota 101 tu qabamuu ibse.

    Biyyoota ollaati dhibeen kun mudate, Hagayya 12, namoonni haaraan 20 Yugaandaa keessatti qabamuu mirkanaayeera. Lama Jarman keessatti yoo yaalaman, tokko immoo Firaans keessatti qabamuun mirkanaaye.

    Tamsa'inni vaayirasichaa DRC keessatti, kutaalee biyyattii 26 keessaa jaha keessatti mul'atu ''adda'' jedhe Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa.

    Akka gabaasa Rooytarsitti asiin dura 2014-2016gidduutti ture namoota 1000 kan ajjeese. Weerarri ammaa immoo ji'oota sadi keessatti 2,000 ajjeese. Qorattoonni Guraandhalaa kaasee babal'achuu akka hin oolle tilmaamu.

  9. Ergamaan addaa Tiraamp Kushner Israa’el gahe

    Ergamaan addaa Tiraamp Kushner Israa’el gahe. Ministira Muummee Israa’el Beenjaamiin Neetaniyaahuu waliin wal argu jedhamee eegama.

    Kushner Dilbata hogganaa Haamaas waliin Kaayirootti wal arganiiru.

    Kunis Kushnar hoggana Haamaas waliin akkaataa karoora nagaa Gaazaa US deeggartu hojiirra oolchuun danda'amurratti dubbachuu booda.

    Ji'a darbe, Boordiin Nagaa Tiraamp Haamaasii fi gareen hidhatan kaan "guutuutti hidhannoo akka hiikkatan" waliigalteerra gahamuu ibseera.

    Torbee darbe, Israa'el karoora nagaa Tiraamp abbaa qabxii-15, kan humnoonni Israa'el Gaazaa keessaa akka bahanii fi bulchiinsa haaraa Filisxeem jalatti deebisanii ijaaruu hammate fudhatama dhorkitee turte.

    Biyyoonni musliimaa saddeet ibsa baasaniin ejjennoo Israa'el kana balaaleffatan.

    Traamp Boordii Nagaa Gaazaa ni hoggana - boordicha immoo dhaabbata idil-addunyaa Gaazaatti nagaa buusu godhee hundeesse-boodarra garuu walitti bu'iinsawwan addunyaa kaanis akka hammatu jedhameera.

    Hamas boodarra ibsa baaseen, jaarsolii fi Boordii Nageenyaa, Israa'el karoora tarkaanfilee itti aananiif qophaa'e akka raggaasiftu "akka dirqisiisan" waamicha dhiyeesseera.

    Lammiileen Israa'el hedduun Haamaas ni hiikkata jedhu shakkiin laalu.

  10. Ashamaa! Tamsaasa kallattii jalqabneerra

    Tamsaasa kallattii kana keessatti odeessaalee biyya keessaa fi alaa gurguddoo argattu.

    Nu hordofaa.

    Oolmaa gaarii!