Tiraamp Hulaa Hormuuz banuu dabalatee Iraan waliin qabxiilee hedduu irratti wal taaneerra jedhe

Madda suuraa, EPA/Shutterstock
Doonaald Tiraamp Iraan waliin qabxiilee dhiyaatan kessaa ''irra caalaa isaanii irratti waliigalameera'' jedhe.
Maal irratti akka waliigalame fuulduratti akka ibsan hime.
Waliigaltichi Hulaa Hormuuz deebisanii banuus dabalata jedhe.
Dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan Esmaayil Baqaayi miidiyaa mootummaa biyyichaatti akka himanitti, ejjennoon Iraanii fi Ameerikaa amma walitti dhufaa jira jedhan.
Garuu dhimmoota ijoo irratti waliigalteerra geenyeerra jechuu miti jedhe. Inumaayyuu Ameerikaan ibsa ''wal dhahu'' baaste jechuun qeeqan.
Tiraamp miidiyaa hawwaasaa irratti gaggeesitoota Saawud Arabiyaa, UAE, Kaataari fi kaan waliin dhimma ''Waliigaltee Wal Hubannoo Nagaa,'' fidu irratti marii gaarii taasifneerra jedhan.
"Irra caalaa isaanii irratti wlaiigalleerra. Garuu xumurri isaa kan hundaa'u Ameerikaa, Iraanii fi michoota kaan irrattidha'' jedhe Tiraamp.
Waliigaltichi bal'inaan kan ibsamu taha, qabxiilee xumuraa irratti dubbannee wal taaneerra'' jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akkasumas Sanbata darbe MM Israa'el Beenjaamin Neetanyahuu naa bilbileera, mariin keenyas ''haala gaariin xumurame'' jedhe Tiraamp.
Pireezidaantichi bal'ina marichaa fi maal irratti akka wal tahan ibsuu baatus waliigaltichi akka Iraan niwuukilaara hin qabaanne gargaara jedhe.
Boodarra MM Paakistaan Sheebaaz Shaarif, ''pirezidaanti Tiraampii nagaa buusuuf dhamaatii guddaa taasiseef nan galateeffadha'' jedhe.
Paakistaan Iraanii fi Ameerikaan akka waliigalteerra gahaniif jaarsummaa taa'aa turte.
Marii marsaa itti aanuu dhiyootti gaggeessina jennee abdanna'' jedhe.
Ameerikaa fi israa'el haleellaa qilleensarraa guddaa Guraandhala 28 Iraan irratti banan. Iraan deebistee Israa'elii fi michoota US biyyoota Gaalfi keessaa haleelte.
Iraanii fi Ameerikaan waliigalteen dhukaasa dhaabuu jalqaba ji'a Eeblaa irra waliigalan. Ergasii mariitti jiru.
Dubbii himaan Ministera Dhimma Alaa Iraan esmaayil Baqaayi ''kaayyoon Iraan waliigalteerra gahuudha, akkaataa qabxiilee 14 dhiyeessineetti' jedhe.
Waliigaltee Wal Hubannoo mallatteessuuf xumuraa jiraachuu himuun, guyyoota 30 hanga 60 dhufan keessatti mariin dabalataa gaggeeffama jedhe.
Waliigalteerra gahaa jiraachuun isaanii kan dhagahame Jimaata darbe qondaalonni Ameerikaa haleellaa waraanaa haaraa Iraan irratti banuuf qophaa'aa jiraachuu erga himaniiti.
Jimaata Tiraamp miidiyaa hawwaasaa isaa Truth Social irratti, cidha ilma isaa Doonaald Juuner hirmaachuu akka hin dandeenyee fi ''yeroo murteessaa kanatti Waashingitan akka turu'' hime.
Torban darbe Tiraamp waliigaltee dhukaasa dhaabuu gaarii tahuu himuun fedhii Iraan akka guutamaniif dhiyeesite ammoo fudhatama hin qabu jedhe.
Ameerikaan dooniiwwan akka buufata doonii Iraan hin galleef erga Eebla 13 dhorkiteetti.
Gidduugalli Ajaja US (Centcom) dooniiwwan 100 tahan kallattii biraatti deebisuun, afur ammoo tajaajilaan ala gochuu fi dooniiwan deeggarsa namoomaa baatan 26 dabarsuu hime.
Ajajaan 'Centcom' Admiral Biraad Kuuper humni isaanii ''akka malee bu'aa qabeessa'' tahuu fi dooniiwwan daldalaa tokkollee buufata doonii Iraan akka hin gallee fi hin baane gochuu ibsan.
Haa tahu malee, Iraan ammoo naannoo Hulaa Hormuuz kana waraanaan akka to'attee jirtu himte. Akkasumas dooniiwan hulicha irra darban eeyyama Abbaa Taayitaa Hulaa Gaalfi argachuu qabu'' jette.
Ameerikaa fi biyyoonni Gaalfi gaaffii Iraan hulaa Hormuuz kana to'achuuf dhiyeesite hin fudhanne.












